Skip to content Skip to navigation

Kolleejji Qo’annaa Misoomaa

Kolleejjiin Qo’annaa Misoomaa Yunivaristii Naanno Oromiyaa akkaatuma caseeffamaa yunivaariistii keessatti hojii kenna barnootaa, qo’annoo fi qorannoo gaggeessuu fi tajaajila hawaasaa kennuuf kan hundeeffamedha. Itti dabalaan kolleejjiin kun dandeetti raawwachisummaa gaggeesitootaa fi hojjeettoota mootummaa cimsuuf leenjiwwan gagaabaaboo, leenjii hubannoo fi dadammaqinsa uumuu ni kenna.

Walumaagalatti kolleejjiin kun, hojiiwwan idlee fi al-idilee, fedhii fi barbaachisummaa isaa ilaaluun, mummewwan haarawa banuu, mujula barnootaa haaromsuu/barreessuu, sirna barnootaa (kaarikulemii) fooyyessuu fi sirni baruu fi barsiisu yunivarsitii kessatti akka milka’u taasisuuf hojjechaa kan jirudha.

Caaseffamni Kolleejjiin Qo’annaa Misoomaa muummeewwan barnootaa jaha (Muummee Barnoota Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa, Muummee Barnoota Hoggansa Magaalaa, Agricultural Business and Value Chain Management, Muumee Barnoota Hojiiwwan Haawaasummaa, Muumee Barnoota Misooma Baadiyyaa, Muumee Barnoota Hooggansa Guddinnaa, Muumee Barnoota Ikoonomiksii) ni qaba.

Mul’ata (Vision):

Bara 2022tti pablik sarvantii/hojjataa gahumsa barbaachisaa (beekumsa, ogummaa fi naamusa) goonfateefi raawwiin hojii isaa ol’aanaa ta’e; hoggansa haala sirnaawaafi tarsiimowaa ta’een hogganuufi bu’aa qabatamaa fiduu danda’u; jaarmiyaalee jijjiirama waliin deemuu danda’anfi ergama itti kenname gahumsaan galmaan gahuu danda’an Naannoo Oromiyaa keessatti dhugoome arguu.

Duudhaalee

Kaayyoo,tarsiimoo haala walitti hidhamiinsa qabuu fi safaramuu danda’uun galmaan ga’uu keessatti duudhaalee fi amantaa cimaa qabaachuun barbaachisaa dha.Haaluma kanaan, Yunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa ergama isaa galman gahuu keessatti duudhaalee fi namusoota armaan gadii giddu-galeessa godhatee socha’a. Isaanis:

  • Beekumsa bu’ureeffachuu (knowledge-based)
  • Jijjiiramaaf qophaa’uu (Change-orientated)
  • Walta’iinsaan hojjechuu (Working in Synergy)
  • Kutannoo (Commitment)
  • Madaallii hojii fi hariiroo eeguu (Relactional approach)
  • Tajaajiltummaa fi miira gaafatamummaa (Service orientation & sense of accountability)
  • Hirmaachisummaa fi Iftoomina (participation and transparency)

v 

We are committed to enable the servants, guide the leaders & transform the institutions!

Dept of Agriculture and Natural resource

x

Error message

Deprecated function: Required parameter $langcode follows optional parameter $path in include_once() (line 1439 of /home3/osuethio/public_html/includes/bootstrap.inc).