Skip to content Skip to navigation

YNO Worabe University wajjiin dhimmoota barnootaa,qorannoo waloofi walitti hidhamiinsa saba Silxeef Oromoo cimsuu irratti Waliin hojjachuuf jiila Yuunvarsitii Woraabeetti Itti Aanaa Presidaantii dhimmoota Akkaadaamiksii Dr Mohammad Awwal'n durfamu simachuun marii bal'aa taasisaniiru. Keesumattuu Worabe University'n muummee Afaan Oromoo bara barnootaa 2015 tti jalqabsiisuuf karoora qabaachuufi karooricha isaanii milkeessuuf deeggarsa Yuunvarsitii Naannoo Oromiyaa kan barbaadan ta'uu Dr Mohammad ibsanii jiru.Haasaa baga nagaa dhuftanii kan taasisan presidaantiin YNO Dr Gaarramaw Hulluuqaa,Worabe yuunvarsiitiin muummee Afaan Oromoo banuuf fedhii qabaachuu isaanii maqaa saba Oromoon galatoomfachuun waan dandeenyu kamuu deeggaruuf YNO'n qophii ta'uu ibsuun,keesumattuu walitti hidhamiinsa saba Silxeef Oromoo kara misoomaan, diinagdee fi akkasumas gama Aadaaf Afaaniin jiru cimsuuf Worabe yuunvarsiitiin muummee Afaan Oromootiin bara 2015 barsiisuu eegaluuf karoorsuun jalqabbii gaariidha jedhan.Xumura irrattis jiilli kun mooraa muummicha YNO daawwachuun yeroo itti aanu sanada walii galtee woliin hojjachuu erga mallattaa'ee booda hojiitti galuuf walii galamuun marichi xumuramee jira.

English

Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa yuunvarsiitii Woraabee wajjiin qindoominaan hojjachuuf walii galan. Adoolessa 19/11/2014