Skip to content Skip to navigation

Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa qorannoo mata duree “Forest Management and Livelihood of Community, the case of Finfinne Brunch Concession” jedhu irratti qorannoo gaggeessuuf Initarpiraayizii Bosonaa fi Bineensota Bosona Oromiyaa walii mallatteessaniru.Bosona naannawa Finfinnee irratti ji’ottan 4n dhufaniif kan gaggeeffamu qorannoon kun, bu’aan argannoo qorannoo kana irraa argamus fayyadamummaa jiraattota naannawa sanaa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa akka qabu himameera.Waliigalticha kan mallatteessanis Pireezidaantii Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr. Garramaw Hulluqaa fi Daayirektara Olaanaa Initarpiraayizii Bosonaa fi Bineensota Bosona Oromiyaa Obboo Araarsaa Raggaasaa yemmuu ta’an waliigaltee kunis qaama waliigaltee waliin hojjachuu (MOU) kanaan dura mallattaa’ee tahuunis ibsameera.

 

English

Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa qorannoo gaggeessuuf Intarpraayizii Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Waliin Waliigaltee walii mallatteesse.