Skip to content Skip to navigation

Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa barattootaa damee garagaraan sagantaa Idilee,galgalaa,torbee fi sagantaa fagootiin barsiisaa ture kuma 3 fi 560 ol eebbiseera.Eebbifamtoota kanneen keessa barattoonni seeraa walta'iinsa Vrje University of Amsterdam fi Yuunvarsitii Naannoo Oromiyaan Barachaa turan jiraachuun akkasumas dipplomaatonniifi ambaasaaddaroonni biyyoota gara garaa irratti argamuun isaanii eebba bara kanaa isa yeroo darbee irraa adda isa taasisa.Sirna Eebbaa irratti argamuun haasaa eebbifamtootaaf kan taasisan Presidaantiin Yuunvarsitii Saayinsiif Teknoolojii Adaamaafi miseensi boordii YNO Dr Lammii Guutaa yuunvarsitiin Naannoo Oromiyaa yeroo gara yerootti hojiilee hojjachaa jiruun bu'aa guddaa naannoofi biyya keenyaaf gumaachaa jira erga jedhanii booda keessumattuu barattoota naannolee ollaa biroo irraa simachuun bara darbe carraa barnoota bilisaan eebbisiisuun isaa sirna baruuf barsiisuu irra darbee eenyummaa Oromoo sablammoota biyyattii birootti kan beeksisaa jiru ta'uu himaniiru.Dabalataan immoo hojiilee gama qo'annoof qorannoo, leenjii fi gorsaa cimee itti fufuun milkaa'ina guddaa fiduuf kana caalaa akka hojjatu deeggarsi gama boordiin jiru cimee kan itti fufu ta'uu ibsaniiru.Yuunvarsitiin Naannoo Oromiyaa ergama isaa gama baruuf barsiisuun qabu akkasumas qo'annoof qorannoo dhaan bu'aa olaanaa naannoof biyya keenyaaf buusuuf yoomiyyuu caalaa cimee hojjachaa jira kan jedhan Presidaantiin YNO Dr Gaarramaw Hulluuqaa, barattoota guyyaa hardhaa eebbifaman keessaa dubartoota 7 qabxii olaanaan eebbifamaniif carraa barnoota bilisaa (Scholarship)'n YNO tiin akka kennamuuf ibsuun baga gammaddan baga wajjiin gammanne jedhaniiru.

Undefined

YNO Hagayya 28,2014-Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa barattoota gulaantaa garagaraan barsiisaa ture 3560 ol guyyaa har’aa eebbisiise.