Skip to content Skip to navigation
Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa barattoota sagantaalee gara garaatiin barsiisaa ture digrii jalqabaa fi Digrii 2ffaa (MA)n Hagayyaa 28/2014 eebbisisuuf qophii barbaachisu xumuree jira.
eebba barattootaa kana mirkaneessuuf seeneetiin YNO marii guyyaa hardhaa Hagayya 24/2014 taa'e jira.
barattoonni buufataalee magaalota oromiyaa Adaamaa,Amboo,Asallaa, Baatuu,Bishooftuu,Burraayyuu,Lagaxaafoo,Sabbataa Maqii,Shaashamannee,Sulultaa fi Wolisootti barataa turanii gahuumsaan xumuran akka eebbifamaniif Daayirektoreetii Reejistiraaraa fi Alumnii Obboo Fayyisaa Gammachuutiin dhihaateera.
barattoonni sagantaa Idilee.Torbee,Galgalaa fi Fagoo tiin barataa turan 3560 ta'an akka eebbifamaniif Daayirektoreetichaan dhihaateera.
Barattoonni 2884 Digirii jalqabaatiin akkasumas barattonni 676 ta'an digirii 2ffaa (MA) tiin woliigala barattoonni 3560 ta'an Hagayya 28/2014 akka eebbifamaniif seeneetiin mirkaneeseera.
eebbifamtoota kanneen keessaa dubarattoonni 1017 ta'an digrii duraatiin dubartoonni 76 ta'an digirii 2ffaa(MA)n kan eebbifaman ta'a.
Waraqaan teempooraarii eebbifamtootaaf akka kenamuuf Reejistiraaraan dhihaatee ture mirkanaa'eera.
Barattoonni seeraa iskoolaarishipii Biyya Niizarlaandiin YNOtti barataa turan akka eebbifamaniif seeneetiin mirkaneeseera
barattoota seeraa ispeeshaalayizeeshiinii gara garaatiin Digrii 2ffaan walta'iinsa biyya Nizarlaandiin barataa turan 320 keessaa 115 ta'an Hagayya 28/2014 akka eebbifamaniif seeneetiin YNO mirkanesseera.
Undefined

Seeneetiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Barattoota 3560 ta'an eebbaaf akka dhihaatan mirkanesse. Hagayya 24/2014