Skip to content Skip to navigation

Daayirektoreetiwwan w/raalee pirezidaantii fi I/A Pireezidaantii 4 jala jiran baldhinaan  kan mari’atan yoo ta’u, karoora raawwii bara 2012 ture hanqinaa fi cimina jiru irrattis mari’atameera.Humna dandeetti raawwachisumaa hojjattoota naannichaa cimsuun tajaajila beekmsaa fi oggumaan deegaramee hawaasa naannichaatiif tajaajila kennuu akka dandeesisuuf  gama leenjii, barnoota, qoranoo fi qo’annoo, tajaajila gorsaa, fi hojii riifoormii akkasumas falaasama kaayizani mirkaneessuu irratti yunivarsiitichi baldhinaan hojjachaa jira.

 

 

 YNOn dhimma Gahumsa Ogummaa Pablik Sarvaantii (Public Servant Professional Competence) hojii dursaa fi hojii ijoo taasifatee  abbummaan akka hojjetu MNOtiin waan murtaa’eef wirtuun Gahumsa Ogummaafi Misooma Qabeenya Namaa (Center for Professional Competence and Human Resource Development) caasseffama Yunivarsiitichahaaraa (bara 2012mirkanaa’e) keessatti gurmaa’ee hojii eegalee jira.

YNOn  imaanaa  guddaa dabalataan itti kenname kana galmaan gahuuf ergama, mul’ata, duudhaalee, toora xiyyeeffannoo fi gurmaa’insa isaa irra-deebiin ilaalee/foyyessee, kallatuma Kanaan karoora waggaa kudhanii (2013 -2022) fi kan bara 2013 qopheeffatee hojii qabatamaatti galuuf qophii ol’aanaa taasisaa jira.

Kanaaf hojiwwan kanneen milikeessuuf daayirektoreetiwwan yuunivarsiitichaa gahee guddaa kan qaban yoo ta’u, tajaajila ummataaf kennamu irratti caalmatti qophaa’uu akka qaban mari’aachuun marii karooraa xumuraniiru.

English

karoora hojii bara baajata 2013 daayirektoreetiwwan Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatiin hojjatamuuf karoorfaman irratti mari’atame.

x

Error message

Deprecated function: Required parameter $langcode follows optional parameter $path in include_once() (line 1439 of /home3/osuethio/public_html/includes/bootstrap.inc).