Skip to content Skip to navigation

Yunivarsiitiin Naannoo Oromiyaatiifi Abbaan Taayitaa saayinsii, Teeknolojii fi Qunnamtii Odeeffannoo Oromiyaa walii galtee waliin hojjachuuf guyyaa Eblaa 01/2011 Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa keessatti malleetteessaniiru. Kaayyoon waliigaltichaas humna namaa qindeessuun ijaarsa dandeettii naannichaafi tajaajila hawaasaaa baldhinnaan kennuuf dhimmoota armaan gadii irratti waliin hojjachuuf walii mallatteessaniiru. Qabxiiwwan waligaltee:

• Qu’annoofi Qorannoo rakkoolee hawaasaa hiikan adeemsissuufi fala argannoowwani irratti waliin hojjachuuf
• Guddinaa Saayinsiif Teeknolojii tiif haala mijeessuu,
• Misooma Bu’uuraa Yunivarsiitifi Abbaa Taayitaa waliin fayyadamuuf 
• Leenjii Qabeenya Humna namaa irrattii waliin hojjachuuf 
• Qabeenya kallaqa sammuu humnatiif Gabayaa Uumuu (commercialization of intellectual property)
• Walqunamtii al-idilee cimsuu (koonfiransii hayyootaafi walgahiiwwan garee teekinikaa adda addaa sadarkaa Naannoo fi biyyolessaatti qopheessuu,) 
• Tajaajila hawaasaa irratti waliin hojjachuu, hawaasa deeggaruu (Saayinsiifi Teeknolojiirratti, Giddugala Odeeffannoo, ICT Baadiyyaa, Leenjii ICT, Dandeettii Odeeffannoo Gabayaa cimsuu sosochii hayyoota Naannichaa Teeknolojii adda addaa irratti uumuu kkf..) hawaasaaf leenjii kennuufi hubannoo uumuuf
Haalumaa kanaan waliigaliteen hojii kunis gara hojiitti akka cehuuf gareen teekinikaa hojicha tartiibessu hundaa’era. Carraaqqiin kunis naannicha gama saayinsii fi teeknolojiitiin fuulduratti tarkaanfachiisuun hawaasa teeknolojii beekee fayyadamu uumuu keessatti gahee bakka bu’ummaa hinqabne akka taphatu itti amanama. Milka’iina waliigaltichatiif qamooleen dhimmi ilaallatu hundi tumsa akka taasisan Pirezidaantiin YNO Dr. Gammachuu Araasaati fi Ittigafaataman Abbaan Taayitaa saayinsii, Teeknolojii fi Qunnamtii Odeeffannoo Oromiyaa Dr. Taasisaa Kaabaa ibsaniiru.

English

Yunivarsiitiin Naannoo Oromiyaatiifi Abbaan Taayitaa saayinsii, Teeknolojii fi Qunnamtii Odeeffannoo Oromiyaa walii galtee

x

Error message

Deprecated function: Required parameter $langcode follows optional parameter $path in include_once() (line 1439 of /home3/osuethio/public_html/includes/bootstrap.inc).